Kirstaanoo Roonaldoo


Kiristaanoo Ronaaldoo kilabni isaa Maanchestar Yunaatid ‘na ganeera’ jechuun, dabni irratti hojjatamaa jiru dhiibamee akkka bahu gochaa jiraachuu himate.

Ronaaldon ji’a Hagayyaa keessa Oltiraaford keessa turuu akka barbaaduufi waan danda’e hunda akka godhu waadaa galee ture.

Lammiin Portuchugaal fi taphataan kubbaa miilaan maqaa gaarii horate kun miidiyaa TalkTV irratti dhiyaachun aarii garaa isaa jiru bulgaafate.

Maan Yunaayitid Dilbata Fulhaam 2-1 mo’atee sadarakaa Piriimer Liigii sadarkaa 5ffaa irra jira.

Dhuguma aangawoonni kilbichaa akka bahuuf dhiibbaa gochaa jiraachuu yoo gaafatamu: “Leenjisaa [Erik tan Hag] qofa osoo hin taane, namoonni kan biroo lama ykn sadii ta’an jiru. Miira ganamuutu natti dhagahame” jedhe Ronaaldon.

Bulchitoonni kilabichaa olaanon kana keessaa harka qabaachu fi dhiisuu yoo gafatamu, “Inni dhimma koo miti. Namoonni waan dhugaa dhaggeeffachuu qabu.”

“Eeyyee, dabatu narratti dalagame. Bara kana qofa osoo hin taane bara darbes akka isaan asitti ana hin barbaannetu natti dhagahame,” jedhe.



Tinggalkan komentar

Rancang situs seperti ini dengan WordPress.com
Mulai